Seensa Namoonni baay'een qabeenya isaanii hin beekan. Mindaa isaanii ni beeku. Kiraa manaa isaanii ni beeku. Baasii isaanii ni beeku. Garuu qabatamaan maal akka qaban hin beekan. Akkaataa Qabeenya keessan Qulqulluu karaa salphaadhaan itti shallagdan kunoo asii gaditti laalladhuu itti fayyadami. Qabeenyi Qulqulluun Maali? Salphumatti Qabeenya Qulqulluu jechuun Qabeenya waliigalaa qabdu irraa qabdu irraa itti gaafatama /liqii walii galaa sirra jiru fakkeenyaaf, liqa makiina, kan manaa, kan namarraa fudhate, kafaltii ji’aa fi gibira erga irraa irrifte booda isa siif hafu jechuudha. Foormulaa: Qabeenya Qulqulluu = Qabeenya Waliigalaa qabdu - Dirqama Waliigalaa/liqaa qabdu. Qabeenyi ati qabdu yoo liqii sirra jiru yoo caale qabeenya ijaaraa jirta. Liqaan sirra jiru Qabeenya ati qabdu kan caalu yoo ta'e duubatti deebi'aa jirta jechuudha. Tokkoffaa: Qabeenya Keessan Tarreessu Qabeenyi wantoota ati qabduu fi gatii qabanidha. Fakkeenyaaf Maallaqa baankii keessa jiru, Invastimantii, Gatii daldalaa, Qabeenya Konkolaataa (kan gatii irra deebiin gurguramuu qaban) hunda walitti dabali. Sun Qabeenya Waliigalaa kee ti. Lamaffaa: Idaa/liqaa Kee Tarreessi Itti gaafatamummaa/ liqaa jechuun wantoota sirratti idaa tahu kan dirqama deebifte kafaluun dirqama sirratti ta'uudha. Fakkeenyaaf: Liqii dhuunfaa, Liqii konkolaataa, Liqii manaa fi Liqaa kaardii liqii, gibiraa fi kafaltaa ji’aa hunda walitti dabali. Sun Itti Gaafatama/ Liqaa Waliigalaa keeti. Sadaffaa: Fakkeenya Shallaggii Qabeenya Waliigalaa = $150 Dirqama Waliigalaa = $110 yoo tehe. Qabeenya Qulqulluu = $150-$110 Qabeenya Qulqulluu = $40 taha jechuu dha. Kun immoo Haala maallaqaa kee kan sirii fi isa dhugaati. Mindaa keessani miti. Sadarkaa hojii keessaniis miti. Qabeenya qulqulluu keessani. Qabeenyi Qulqulluun Maaliif Barbaachisaa Tehe. Galiin hangam akka argattu agarsiisa. Qabeenyi qulqulluun hangam akka qabattu agarsiisa. Ji'atti $10,000 ji'atti argachuu dandeessa garuu dadhabaa tahuu dandeessa. Qabeenyi qulqulluun dhugaa dubbata. Ji'a 6 fi 12ti Hordofi godhi. Qabeenyi kan ijaaramu Herregaani malee miiraan miti. Qabeenyi kee waggaa waggaan dabalaa jira taanaan injifachaa jirta. Yoo xiqqaachaa jira ta'e wanti tokko jijjiiramuu qaba qaba jechuu dha. Abdii Hin Kutin. Yoo qabeenyi kee gadi bu’e ykn negaatiivii ta'e hin baaragin/ hin rifatin Qabxiillee asiin gadii irratti xiyyeefadhu. 1. Qabeenya dabaluu 2. Itti gaafatamummaa/liqaa hir’isuu 3. Qaala'iinsa jireenyaa irraa fagaachuu, sadarkaa keeti deemuu Adeemsa Walnyaatinsa guddinaati waan teheef. Galma Dhugaa. Galmi isaa dureessa fakkaachuu miti. Galmi isaa maallaqaan cimaa taahuudha. Qabeenyi qulqulluu guddachaa jiru wal qixa bilisummaa maallaqaa guddachaa jiruudha. Goolaba. Qabeenya qulqulluu kee yoo hin beekne haala maallaqaa kee hin beektu. Ejjennoo kee yoo hin beekne immoo guddina kee karoorfachuu hin dandeessu.