Gatii Akkamitti Murteessita? 

Gatii Akkamitti Murteessita?

Seensa

Gatii Akkamitti Murteessita? Akka daldalaa cimaa tokkootti oomisha keetiif gatii haala kamiin Baftaaf? Gatii baasuuf maal maalfaa ilaalcha keessa galchuu qabda.? Daldalaan tokko daldala isaa keessatti milkaawaa tahuuf oomisha isaatiif gatii Sirrii tehe baasuufiin waan mirteessaadha. Kanaan walqabatee akka fakkeenyaatti kan laallu taha.

Gatii Baasuu/ Pricing jedhama

Daraaraa, daldalaa zeeyta /saliixa nyaataa oomishtoota irraa fuudhuun gurguru tokko haa fudhannu:

‎Namni kun dhiheessitoota irraa jeerkaan liitira diiddamaa tokko qarshii 1000n fida yoo tehe, maamila isaatiif hoo meeqatti gurguruu qaba?

‎Qarshii 1100tti? Lakkii.

‎Qarshii 1150tti? Lakkii.

‎Qarshii 1200tti? Lakkii.

Murteessuuf maal ilaalcha keessa galchuu qabda?

Gatii oomishaa fi tajaajila keetii kan baasuus tehee murteessuu qabdu tilmaamaan odoo hin taane, akka daldalaa tokko milkaa’ina barbaadu ykn daldalaa cimaa tahuu barbaadduu tokkotti gatii oomishaa fi tajaajila keetii kan murteessuu qabdu lakkoofsan tahuu qaba.

‎Yeroo hunda gatii itti gurgurtu ykn gatii gurgurtaa (selling price)dararconsul.com murteessuun dura waa’ee baasii isaa hunda yaaduun ilaalch keessa galchuutu sirra jiraata.

Fakkeenya lakkoofsaan?

Baasii bittaa: Gatiin bittaa zeeytii/saliixa nyaataa kan jerikaana Liitira 20 tokko qarshii 1000n bitee turee mitii? Daraaraan waliigala, jeerikaana abbaa litira 20 firii 50 bitee mana kuusatti galche haa jennu.

Gatiin bittaa waliigalaa = 50*1000=50,000

Baasii dabalataa: baasiileehttps://www.dcm11.com/akkamiin-daldala-manaa-jalqabda/? dabalataa kan akka zeeyta/saliixa gara mana kuusaa geessuu, humna namaa, kiraa manaa ilaalcha keessa galchuu qaba

  • Geejibaaf = qarshii 1,000
  • fe’uu fi buusuuf qarshii 500
  • Kiraa manaatiif = qarshii 2,000
  • Ibsaa fi kanneen biroo = qarshii 500

Ida’ama = 1000+500+2,000+500=4,000

Baasii walii galaa: 50,000+4000=54,000

Haala kanaan baasii walii galaa hundi isaa aarshii 54,000 tahuu isaa erga beekee booda itti aansuun tokko irratti baasiin meeqa akka bahe shallaguu qaba (unit cost). Baasii zeeyta/saliixa jerikaan litira 20 irratti behe kana shallaguuf: baasii waliigalaa ÷ baay’ina zeeytichaa: 54,000/50=1,080 kana jechuun daraaraan zeeyta jerikaana tokko irratti kan baase qarshii 1,080 jechuudha.

Meeqatti Gurugura?

Daraaraan haala kanaan zeeyta/saliixa jerikaana tokko irratti hammam akka baase erga beekee booda, gatii gurgurtaa baafachuun ykn selling price/ meeqatti gurguruu akka qabu murteessuun salphaadha. Fakkeenyaaf bu’aa dhibbentaa diiddama (%20) argachuu yoo barbaade:

‎Gatii Gurgurtaa = Baasii ÷ (1 − % Bu’aa) kana jachuun 1,080÷(1-20%)=1,350 Kanaaf, yoo bu’aa %20 barbaade, zeeyta jerikaana abbaa liitira 20 tokko gara qarshii 1350tti gurguruu qaba jechuudha.

‎Xumura

Asirraa salphumatti akka daldalaa tokkotti wanni beekuun sirra jiraatu, gaafa gatii oomishaa fi tajaajila keetii murteessitu tilmaamaan odoon tehin beekkomsaan tahuu sirra jiraata. Akkasuma baasiilee ilaalcha keessa gaalchuu hunda ilaalcha keessa galchuun tahuu akka qabu hubachuudha.

1 Comment.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *