
Dudhaalee bulchiinsa faayinaansii. Qajeeltoowwan ijoo bulchiinsa faayinaansii gatii dhaabbata tokkoo guddisuu fi tasgabbii yeroo dheeraa isaa mirkaneessuu. Invastimantii, faayinaansii fi bulchiinsa qabeenya ilaalchisee murtoo sirrii ta’e kennuudhaaf akka bu’uuraatti tajaajilu. Qajeeltoowwan ijoo bulchiinsa faayinaansii ijoo tahan haala asii gadii kanaan kan isiniif ibsinu taha, dubbisa gaarii.
1. Dudhaalee Ijoo
Qabeenya Guddisuu fi Bu’aa Guddisuu:
Dudhaalee bulchiinsa faayinaansii. Galmi bulchiinsa faayinaansii inni jalqabaa fi ijoon qabeenya abbootii aksiyoonaa guddisuudha (yeroo dheeraa keessatti gatii gabaa dhaabbatichaa guddisuu). Kunis bu’aa yeroo gabaabaa qofa guddisuu caalaa kaayyoo bal’aa irratti kan bal’inaan fudhatamu qabuudha.
Gatii Maallaqa Yeroo (GMY):
Doolaarri tokko har’a galii argachuu danda’uu fi dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa irraa kan ka’e boru doolaara tokkoo ol gatii qaba. Hoggantoonni faayinaansii yaad-rimee GMY kan akka gatii ammaa (GA/PV). Gatii gara fuula duraa (GFD/FV) fayyadamuun invastimantii madaaluu fi dhangala’aa maallaqaa yeroo adda addaatti uumamu walbira qabu.
Daldala Balaa/khasaaraa fi Bu’aa:
Balaa fi bu’aa eegamu gidduu hariiroo bareedaa jira bu’aan ol’aanaa ta’uu danda’u balaa olaanaa wajjin walqabatee jira. Hoggantoonni faayinaansii raawwii gaarii galmeessuuf mala diversification/ addaadummaa fi hedging fayyadamuudha. Hanga fedhii balaa/ khasaara dhaabbatichaa qorachuun bu’uu fi balaa/ khasaaraa balance madaalwaa tahe irratti dirqama qabu.
Bu’aan herregaa ykn dhangala’inni maallaqaa madda gatii miti:
Murtoon faayinaansii bu’aa herregaa qofa osoo hin taane, maallaqni deebi’ee invast gochuu waan dandaha. Maallaqa qabatamaa galuu fi ba’u irratti hundaa’uu qaba.
Xiinxala Baasii fi Faayidaa:
Hoggantoonni faayinaansii tooftaalee akka Net present valu/Gatii Ammaa Qulqulluu (GAQ) fi Internal rate of return/ Sadarkaa Bu’aa Keessaa (SBK) fayyadamuu. Pirojektootaa fi murtiiwwan faayidaan/ bu’aan eegamu baasii walqabatee jiru caalu qofa fudhachuu qabu.
Dudhaalee Hojii
Dudhaalee Dhangala’aa fi Bu’aa:
Dirqama yeroo gabaabaa guutuuf dhangala’aa gahaa mirkaneessuu (fkn, kaffaltii fi mindaa kaffaluu). Bu’aa fi guddina yeroo dheeraaf invastimantii gochuu jidduutti madaalliin jiraachuu.
Caasaa Kaappitaalaa Gaarii:
Murtoon walmakaa liqaa fi kaappitaalaa hojii fi guddina maallaqaan gargaaruuf oolu murteessaadha. Galmi isaas baasii waliigalaa kaappitaalaa xiqqeessuudhaan, jijjiirama faayinaansii eeguudha.
Karooraa fi To’annoo Faayinaansii Bu’a qabeessa:
Hoggansi faayinaansii sirrii ta’e karoora gadi fageenya qabu, baajataaf tilmaama bal’aa qopheessuu. Raawwii hojii qabatamaa karoorichaan wal bira qabamee ilaalamu itti fufiinsaan hordofuu barbaada.
Amala Naamusaa fi Iftoominaa:
Amanamummaa qooda fudhattoota biratti eeguu fi fayyaa faayinaansii itti fufiinsa qabu mirkaneessuu. Qulqullina, iftoomina, fi seeraa fi dambiiwwan kabajuun barbaachisaa dha.
