Gowwoomsitoota jalaa nageya tahuuf?

Gowwoomsitoota jalaa nageya tahuuf?

Gowwoomsitoota jalaa nageya tahuuf? Scammer/ Gowwoomsitoota beekamoo tahan hubachuun karaa barbaachisaa fayyummaa faaynaansii/ maallaqaatiif si gargaarudha. Gorsi armaan gadii sarara diimaa gowwoomsitoota faaynaansii adda baafachuuf si gargaaruu dandaha. Kunis hanna gowwoomsitootaa irraa of eeguun salphaadha.

Ergaa doorsisaa qaban irraa of eeggadhaa

Kaffaltii raawwachuuf gaaffiin sodaachisaa ykn ariifachiisaan alaabaa diimaa hattootaa keessaa tokko, sababiin isaas dhaabbileen maqaa gaarii qaban kana hin godhan. Kaffaltii raawwachuuf ergaan doorsisaa ykn ariifachiisaa yoo isin dhaqqabe, kafaltii raawwachuu keessaniin dura lakkoofsa bilbilaa dhaabbatichaa barbaaduun ergaan san isaan irraa tahuu mirkaneessaa.

Odeeffannoo Dhuunfaa Keessanii eeggachu

Bilbillaas tehee barreeffamni ergaa gabaabaa ykn iimeeliin hin barbaadamne kan odeeffannoo dhuunfaa keessanii gaafatu yeroo hunda alaabaa diimaa dha. Odeeffannoo dhuunfaa waliif qooduun dura lakkoofsa bilbilaa ofiisaa dhaabbatichaa bilbiluun gaaffichi dhuguma isaan irraa tahuu mirkaneechuu qabdu

Caasluga fi Dogongora Qubeessuu.

Gowwoomsitoota jalaa nageya tahuuf? Yoo email ykn barreeffamni qubeen dogoggoraa ykn caasluga addaa qabu siif dhufe, yaaliin si harkisuu tahuu isaati. Ergaa akkasii san haqi! Hidhaa/link san cuqaasuun ykn tuquun odeeffannoo dhuunfaa keetii balaadhaaf saaxiluu dandaha.

Weebsaayitii Sobaa firraa laali

Yeroo tokko tokko scammer/ gowwoomsitoonni barreeffamoota ykn iimeelii walitti hidhamiinsa weebsaayitii garaagarummaa xiqqaa qaban of keessaa qaban ergu. Qubee dogongoraa ykn dogongora hidhaa/link irratti mullatu laali. Yoo cuqaastan/ tuuyxan marsariitii dhugaa fakkaatu garuu qabatamaan sobaa tahee arguu dandeessu. Miidhamaan ykn ati ragaa kee marsariitii irratti yoo barreessite hatamuu hin ooltu.

Karaa Kaffaltii Hin Baramne

Daldalli tokko mala/ karaa kaffaltii hin baratamne kan akka gift card/ kaardii kennaa ykn jijjiirraa bilbilaatiin akka kaffaltu yoo si gaafate, sun sarara diimaa dha. Yeroo baayyee namoonni gowwoomsitoonni mala kaffaltii kana fayyadamu sababiin isaas hordofuun waan rakkisaa ta’eef. Daldalli maqaa gaarii qabu tokko kana tasuma hin godhu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *