
Mutual fund Afaanoromo, Mutual fund Afaanoromo, Mutual fund Afaanoromo, Gosoonni Fandii waloo/Mutual Funds 1,500tti dhihoo ykn isaa ol tahanii jira. Keessaa Kanneen filatamoo tahan kana isiniif qooduu jaallanne.
- Fandii Walta’iinsaa (Equity Mutual Funds).
Fandiin walta`iinsaa/ Equity mutual fund kan Aksiyoona dhaabbatichaa (stocks) irratti invast godhamu. Kasaaraa guddaa qabu, garuu bu’aa guddaa kan qaban yoo tahu, immoo invastaroota yeroo dheeraatiif gaarii dha.
- Fandii Boondii / Fandii Galii Dhaabbataa
Fandiin kun Boondii mootummaa ykn dhaabbataa irratti invast godhama, fandii kaappitaalaa caalaa kasaaraa gad’aanaa qabaachuun beekama akkasums galii idilee kaffaluun kan beekkamu.
- Fandii Gabaa Maallaqaa
Fandiin gabaa maallaqaa Meeshaalee yeroo gabaabaa wabii qaban kan akka kafaltii Tiraazhararii/የግምጃ ቤት ሂሳቦች/ treasury bills, Waraqaa Daldalaa fi kanneen biroo irratti invast godhamu. Kasaaraa xiqqaa, qusannoo yeroo gabaabaa bareedaa tehee fi fandii waliinii baayyee jaallatamaadha
- Fandii Madaalawaa
Gosti fandii waloo kun fandii walmakaa aksiyoonaa fi boondii ti. Kasaaraa giddu galeessaa yoo tahu, galma yeroo giddu galeessaaf filatamoo dha.
- Fandiin Waliinii Riil Isteeti (REITs) .
Fandiin waloo kun Pirojektoota riil isteetii irratti invest godhama, kallattiin qabeenya manaa osoo hin qabaatin riil isteetii irraa galii argachuu yoo barbaaddan gaarii dha.
- FANDII INDEKSII
Indeeksii gabaa murtaa’e, kan akka S&P 500 hordofi
- FANDII SEEKTARAA
Industiriiwwan ykn dameewwan adda ta’an irratti xiyyeeffachuu, kan akka teeknooloojii ykn eegumsa fayyaa.
Namoonni Dhuunfaa Maaliif Mutual Funds Jaallatu
- Jalqabuuf qarshii guddaa si hin barbaachisu
- Ogummaadhaan kan hoogganamu (ogeessa ta’uun si hin barbaachisu).
- Diversified (maallaqni keessan dhaabbata ykn qabeenya tokko qofaan hin hidhamu).
- Ofii keetii aksiyoona daldaluuf yaaluu caalaa nageenya/wabii qaba
- Yeroo baayyee Maallaqa herrega qusannaa keessa jiru caalaa bu’a qabeessa.
Wantoota hubachuu fi beekuu qabdu.
- Bu’aan isaa yeroo hunda wabii hin qabu (keessattuu fandii kaappitaalaa wajjin) .
- Fandiin tokko tokko kaffaltii hoggansa qaba.
- Yeroo hunda seenaa raawwii hojii fandichaa fi hogganaa fandii ilaaluu
Fandii waloo bituuf eessaa arganna.
- Baankota
- Dhaabbata daldalaa aksiyoonaa
- Dhaabbilee bulchiinsa qabeenya
- Dhaabbata Inshuraansii filatame
- Kanneen biroo
Yaadannoo
Bakkeewwan armaan olii kana yeroo daawwattan, magaalaa, biyya ykn naannoo keessan keessatti, waajjira isaanii keessatti ogeeyyii gaaffii dabalataa deebisuuf ramadaman qabu, isaan haasofsiisuu dandeessu, yeroo keessan fudhattanii gaaffii bal’aa gaafachuun ibsamuu fi qulqullaa’uu akka dandeessan yeroo fudhattanii murtoo keessan waa’ee egeree maallaqaa keessanii murteessuu dandeessu. Yoo sadarkaa balaa keetiif isa gaarii ta’uu fi dhiisuu isaa, galma yeroo dheeraa kee galmaan ga’uuf si gargaaruu fi dhiisuu isaa murteessite.