Karaalee interneetii irraa maallaqa itti argatan

Smart Ways to Make Money Online
Karaalee interneetii irraa maallaqa itti argatan

Karaalee interneetii irraa maallaqa itti argatan, Diinagdeen dijitaalaa guddachuu itti fufee waan jiruuf, maallaqa toora interneetii irraa argachuun yeroo kamiyyuu caalaa dhaqqabamaa ta’eera. Galii maddii, galii yeroo guutuu, ykn walabummaa maallaqaa yeroo dheeraa barbaaddanis, interneetiin namoota dhuunfaa dandeettii fi galma adda addaa qabaniif carraa lakkoofsa hin qabne uumee jira.

Maalif Maallaqa interneetirraa argachuun saffisaan guddachaa dhufe.

Karaalee interneetii irraa maallaqa itti argatan, Jijjiiramni gara hojii fagoo, meeshaalee dijitaalaa http://dararconsult.comfi gabaa onlaayinii addunyaa irratti godhame, namni kamiyyuu kan muuxannoo qabuus ta’ee kan hin qabne-mana isaa irraa galii akka argatu balbala baneera. Har’a bakka qaamaan argamu caalaa kalaqni, walsimannaa fi tooftaa dhimma qaba.

karaalee Mirkanawaa ijoo Toora Interneetiirraa Maallaqa Argachuuf 

1. Firilaansarii/Hojii bilisaa 

Waltajjiiwwan/ pilaat-forming akka Upwork, Fiverr, fi Freelancer tajaajiloota akka barreessuu, dizaayinii, koodiingii, Viidiyoo gulaaluu/idiitii irratti gabaaf akka dhiheessitu si dandeessisu. Firilaansiingiin sagantaa fi reetii kee irratti to’annoo guutuu siif kenna.

2. Affiliate Market / Gabaa Walitti Hidhamiinsaa

Liinkii addaa fayyadamuun oomishaalee ykn tajaajiloota beeksisuu borates fi gurgurataa wal qunnamsiisuun gaafa namni tokko karaa liinkii keessaniitiin bitatu komishinii argachuu dha. Moodeelli kun biloogarota, yuutuubaroota, fi uumamtoota miidiyaa hawaasaaf mijataa dha.

3. Content Marketing/Qabiyyee Uumuu

Karaa YouTube, TikTok, Instagram Reels, ykn poodkaastiin maallaqa argachuu dandeessu jechuudha. Maddoonni galii beeksisa, ispoonsara, fi waliigaltee maqaa/asxaa (brand deals) kan dabalatudha.

5. Gurgurtaa Oomisha Dijitaalaa

Kitaabota elektirooniksii, unkaalee gara garaa, koorsii toora oonlaayinii fi bocaaleen buufamuu danda’an inventarii fiizikaalaa waan hin barbaanneef bu’aa olaanaa qabu.

5. E-commerce/ Daldala Elektirooniksii fi Diroopshiiping

Pilaatformii/ Waltajjiiwwan akka Shopify, http://dcm11.com Etsy, fi Amazon fayyadamuun oomishaalee qaamaan mul’atan toora interneetii irratti gurguruu itti dandeessu dha. Diroopshipping osoo istookii/ kuusaa hin qabatin gurguruu si dandeessisa.

6. Barnoota Interneetii fi Leenjii toora interneeti.

Yoo ogummaa gosa barnootaa, afaanii, faaynaansii, foreeksii fi kiriptoo qabaatte, waltajjiiwwan akka Cambly, Udemy, fi sikiil-sheerii irra akka addunyaatti akka barsiistu si taasisuun galii argachuu dha.

7. Hojiiwwan Maaykiroo Fagoo

Hojiiwwan akka qorannoo, daataa galmee, marsariitii qorannoo, ykn tajaajila maayikiroo karaa marsariitiiwwan akka Amazon Mechanical Turk ykn Swagbucks galii dabalataa argamsiisuu danda’u.

Dandeettiiwwan Barbaachisoo Toora Interneetii Milkaa’uuf?

  • Haala walfakkaatuun itti fufuu
  • Beekumsa bu’uuraa gabaa
  • Hubannoo meeshaalee dijitaalaa
  • Walqunnamtii cimaa
  • Bulchiinsa Yeroo.

Dogoggora Waliigalaa Irraa Ittisuu Qabanu

1. Ciminaa fi fedhii kee irratti hundaa’uun mala galii tokko filadhu.

2. Bu’uuraalee barnoota bilisaa ykn koorsii gatii madaalawaa ta’een barachuu.

3. Argama toora interneetii (website, portfolio, ykn social profile) kee ijaaruu.

4. Xiqqaarraa jalqabdee suuta suutaan iskeelii kee guddisuu.

5. Bu’aa hordofuu fi fooyya’iinsa itti fufuu

12 Comments.

  1. masha allah heddu takka nuuf galatooma akkuma karaa keyrii nuuf yaaddan isin duuba rabbi karaa keyrii isiniif haa banu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *